Deebii Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa
Barreeffama keenya yeroo darbee keessatti waa'ee qajeelfama haaraa irra deebiin galmaa'uu dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa irratti gaaffii fi komii dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa kaasan ilaallee turre, deebiin Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Itoophiyaa ammoo kunooti dubbisaa!
Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii, taatonni dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa waa'ee galmee irra deebii irratti komii kaasaniif deebii kenneera.
Daareektarri itti aanaan Mana hojii Abbaa Taayitichaa Obbo Wubisheet Taaddalaa, intarviwuu Tikvah Ethiopia waliin taasisaniin, komii Mootummaan dhaabbilee kanneen balleessuuf kaayyoo qaba jedhamee dhiyaatuuf deebii kennaniin «Yaadni ykn komiin kun dogoggoradha, kaayyoon dhaabbilee kana dhadhabsiisuu hin jiru!» jedhaniiru.
«Inumaayyuu Mootummaan kaayyoo fi fedhii dhaabbilee kana cimsuu qaba, adeemsi irra deebiin galmeessuu fi madaalliin xiyyeeffannoon isaa kana dhugaa taasisuudha » jechuun ibsaniiru.
Adeemsi irra deebiin galmeessuu fi ilaalchi isaa Finfinneetti xumuramuu isaa ibsanii, yeroo itti aanutti dhaabbileen kam itti fufu, isaan kamtu itti hin fufan kan jedhu ibsuuf riippoortii qopheessaa akka jiran ibsaniiru.
Hojiin irra deebiin galmeessuu fi madaalliin kan Finfinnee xumuramuu isaatiin yeroo dhiyootti naannoleetti hojii kana jalqabuuf qophiin dursaa taasifamaa akka jiru beeksisaniiru.
Itti aanaan Daareektaraa obbo Wubisheet Taaddalaa bal'inaan maal jedhan?
«Adeemsa galmee irra deebii fi madaallii amma taasifamaa jiruun kan barbaadame, dhaabbileen barnootaa kunneen karaa bu'uurawaa ta'een ofii isaanii akka haaromsanidha.
Abbummaan isaanii illee kan hin beekamne fi dhaabbileen shakkisiisoo ta'aan jiru. Hojii rakkoowwan kana adda baasuu fi qulqulleessuuti kan hojjetamaa jiru. Dhaabbata cufuu qabdu hanga kana hunda tursiisuun hin barbaachisu. Poolisiidhaan kallattii keessee gabaa keessaa akka ba'aan taasisuun ni danda'ama, garuu isa miti kaayyoon keenya.
Kaayyoon keenya, biizinasiiwwan xixiqqoo ta'aanii dhaabbanni jalqaban gara tokkootti gurma'aanii fi cimanii akka dhufanidha. Yoo hin dandeenye ammoo gabaa keessaa ba'uu qabu.
Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaan kana dura kan dubbatanis (dhaabbilee 50 ni gahu jechuun isaanii ni yaadatama) kana irraa adda kan ta'e miti. Dhaabbilee ciccimoo ta'aa , dhaabbilee muraasni gahaadha. Dhaabbileen kuni hundi jiru jechuun, gama barnoota dhaabbilee barnoota olaanootiin wanti addaa ykn jijjiiramni addaa ni dhufa jechuu miti dha kan jedhan. Barnoota qulqullina qabu dhaabbanni kennu ni barbaachisa dha kan jedhan. Kaayyoon keenyas kanadha.
Kana dura bahe kan jedhame, 'Dhaabbileen hedduun ulaagaa hin guutan jedhamaniiru!' gabaasni jedhu dogoggoradha. Miidiyaalee deeggaruuf jennee odeeffannoo nuti kennineef dogoggorsiisanii gabaasan. Sana boodas, dhaabbileen dhuunfaa hundi ulaagaa hin guutan jedhame jedhanii odeeffame, kuni dogoggoradha.
Yeroo sanatti kan jenne, dhaabbileen hedduun sanada guutuu fi gahaa galmee irra deebiif ta'u hin dhiyeessine dha. Sanada galchaa jechaanii turre waan ta'eef. Sanada hin guunne jechuuni fi sanadni galchan ulaagaa gamaggamaa hin guunne jechuun wantoota garaa garaati.
Haalli kana dura ture baay'ee salphaadha, Koolleejjii banuuf, qarshii xiqqoo yoo qabaatte kutaalee muraasa kireeffattee banuudha ture. Haala kana fakkaatuun itti fufuun hin danda'amu amma. Dhaabbileen adeemsa salphaa kana baran itti fufuu hin danda'aan. Ulaagaa ka'ame guutanii yoo xiqqaate Koolleejjii hojii jechisiisu hojjetaniitu biizinasii kana jalqabuu fi itti fufsiisuu kan qaban.
Amma bu'uura ulaagaa Abbaa Taayitaa Barnootaa fi Leenjiitiin ka'aameen akka Koolleejjiitti itti fufuu nan danda'a dhaabbilee jedhanidha kan galma'aan. Kan galma'aan keessaa ammoo, amma gamaggamni taasifamee, sanadoonni isaanii sakatta'aamanii, haalli lafa jiru ilaalamee, sirriitti ulaagaa kana ni guutu kan jedhaman bu'aa isaanii ni ibsina.
Haala amma jiruun ilaalchi fi galmeen dhaabbilee Finfinnee jiranii xumurreerra. Bu'aa isaa ibsuuf riippoortii qopheessaa jirra. Cinaatti ammoo naannoleetti hojii kana jalqabuuf qophii dursaa taasisaa jirra. Hojichi bara baajataa haaraatti kan jalqabu ta'a.
Hanga ammaatti waa'ee dhaabbilee seektara kana keessaa ba'aanii ilaalchisee lakkoofsonni garaa garaa ni dhiyaatu. Fakkeenyaaf :- jalqaba irratti dhaabbileen 84 osoo hin galmaa'iin hafan. Booda garuu turanii kan dhufan jiru. Isaan keessaa sababa quubsaa kan dhiyeessan galmeessinee gamaggamaa jirra. Gama biraatiin ammoo galma'aanii kan turan keessaa ba'uuf adeemsa irra kan jiran jiru, wal cinaatti jechuudha. Ba'uu fi seenuun isaanii kun, baay'inni dhaabbilee seektara kana irraa ba'aanii yeroo yeroon akka jijjiiramu taasiseera. Akkasis ta'ee, amma adeemsa galmee fi gamaggamaa irra waan jirruuf lakkoofsa sirrii kaa'uun ulfaataa ta'uyyuu yoo xiqqaate dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa 80 ta'aan hojii isaanii adda kutanii seektara kana keessaa ba'aaniiru.
Qajeelfama galmee irra deebii kana irratti mariin gahaan hin taasifamne, taatota seektarichaa irraa yaadni gahaan hin fudhatamne yaadni jedhu sirrii miti. Abbootii dhaabbilee kanneenii irraa karaa lamaan galtee fudhanneera. Inni tokko waltajjii marii irraa kan argame yoo ta'u, inni lammaffaan ammoo barreeffamaan kan fudhannedha. Karaa kanaan Finfinnee Hooteela Hayileetti marii taasifameen fi yaada barreeffamaan dhiyaatan fudhanneera. Barbaachisoo kan ta'aan, gara fuulduraatti nu deemsisu kan jennee yaadne itti fayyadamneerra.
Fakkeenyaaf :- yaadota isaan irra fudhannee qajeelfama kana keessatti hammanne keessaa, dhaabbanni qormaata bahumsaa yoo xiqqaate 25% hin dabarsine itti fufuu hin qabu ulaagaan jedhu yoom hojii irra ooluu haa jalqabu kan jedhu irratti yaada isaanii fudhannee yeroon muraasni akka kennamu taasisneerra.
Ulaagaan kun hojii irra ooluu kan jalqabu, yeroo qajeelfamni kun itti bahe barattoota barnoota jalqaban irratti malee, barattoota isa dura barnoota jalqaban irratti ta'uu hin qabu yaadni jedhu isaan irraa kan dhufedha. Yaadni isaanii kun amansiisaa ta'uu isaatiin fudhanneera. Amma hojiirra oolmaa isaatiif waggaa lama kan ta'u qabu. Hojii irra ooluu kan jalqabu naannoo bara 2019 tti dha qajeelfamni kun, yaadonni kan biroo nuti fudhannes jiru.» jedhaniiru.
Madda :- Tikvah Ethiopia
Odeeffannoo haaraa dhimma kana irratti fi kanneen biroo irratti akkuma gadhiifameen argachuuf channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisaa!
0 Comments