Tsoomii Duuka Bu'ootaa
Tsoomii jechuun maal jechuudha?
Tsoomii jechuun wantoota qaamni keenya barbaadu kam irraayyuu dhorkuu jechuudha. Yookiin ammoo gama biraatiin wantoota fooniif mijatan dhiisuu jechuudha. Iddoo Amantaan jiru kamittiyyuu Tsoomiin jira, Tsoomiin Amantaa waliin walitti dhufeenya bara baraa qaba. Kakuu Moofaatti Tsoomiin iddoo guddaa qaba ture.
Raajonni Kakuu Moofaa waqtiiwwan Waaqayyo waliin itti wal arganitti midhaan, bishaan afaan isaanii hin seenu ture. SKD. 34:28. Dheekkamsi sababa baay'ina cubbuu isaaniitiin isaaniitti dhufu kan deebi'u fi kan qabbanaa'u uummanni yeroo Tsoomii dhaan isa kadhatan ture. Yonas 3:5-10.
Kakuu Haaraa keessattis Tsoomiin seera nam-tolchee osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo lada irra deddeebi'aa turetti jalqaba taasisee seera inni hojjetedha. Maat. 4:21. Gooftaan keenya sassatuudhaan, jaalala qarshiitiin fi of jajaan kan dhufu diina keenya Diyaabiloos Tsoomii dhaan akka injifannu nutti agarsiise. Kana qofaa osoo hin taane diina keenya guddaa kan ta'e Seexana Tsoomiidhaan of irraa fageessuu akka dandeenyu Gooftaan keenya dubbateera. Maat. 17:21.
Qaamni Tsoomiidhaan dhadhabe fi Kadhannaa dhaan cime Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa'ee ta'uu isaatiin Waaqayyo nu ajaja nuti ammoo ni ajajamnaaf.
Lallaba Wangeelaatiin kan tajaajilan Diyaaqonoonni fi Luboonni kan muudamanis Tsoomii fi Kadhannaan ture. HDB. 13:2, 4:25. Qulqulluun Qorneeleewoos kabaja isaan hin eegne kan argatan Tsoomii fi Kadhannaadhaan Waaqayyo kadhataniitu. HDB. 10:20.
Tsoomiin kan eegne fi kan yaadne qofaa osoo hin taane kan hin eegnes kan hin yaadnes gonkumaa kan nuuf hin malles kabajaa fi surraa kan nuuf kennisiisudha. Bu'uura ayyaana fi tiwufiitii Mana Kiristaanaa Duuka Bu'ootaatiin Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Manneen Kiristaanaa isaan jalqabaa keessaa tokko ta'uu isheetiin sirnaa fi seera Tsoomii qabdi, isaan kunis Tsoomii dhuunfaa fi Tsoomii labsii jedhamu. Tsoomiiwwan labsii torban akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti beekaman keessaa tokko Tsoomii Ji'a Waxabajjii keessa Tsoomamu Tsoomii Duuka Bu'ootaati.
Tsoomiin kunis uummata biratti Tsoomii wattaaddaraa jedhama. Deemsa Lallaba Wangeelaatiif kan qophaa'e, fakkeenya Tsoomaniitiin yeroo durii wattaaddaroonni deemsaaf yeroo ka'aan ykn achii yeroo deebi'an kan dogoggorre kan balleessine nuuf dhiisi jechuun ni tsoomu ture. Tsoomiin kunis kan hiikamu Adoolessa 5 yoo ta'u, guyyaan itti seenu garuu guyyaa murta'aa miti. Sababa kanaanis guyyaan Tsoomiin kun itti seenu, dheerinni guyyoota tsoomamanii dheerachuu fi gabaabbachuu danda'a, yeroo tokko tokko guyyaa 40 ol ta'a yeroo kan biraa ammoo guyyoota 30 gadi ta'a.
Duuka Bu'oonni yoom Tsooman?
Qulqulloonni Duuka Bu'oonni hojii gooftaa isaanii, uumaa isaanii duuka bu'anii inni gara hojii fayyisuu isaatti jechuunis dhukkubsattoota foonii raajiiwwan isaatiin, dhukkubsattoota lubbuu ammoo barumsa isaatiin dursee jalqaba hojii isaa lafa onaa Qoronxoositti seenuun guyyoota 40 fi halkan 40 akka Tsoome fi akkuma kadhate Qulqulloonni Duuka Bu'oonnis isaa duukaa bu'anii Tsoomaniiru. Kennaa Afuura Qulqulluu erga fudhatan booda Addunyaa carraadhaan adda hiratanii naanna'aanii barsiisuu isaaniitiin dura hojii isaanii jalqabaa Tsoomii taasifataniiru.
Duuka Bu'oonnis Tsoomii kana akka Tsooman Gooftaan keenya dursee Duuka Bu'oonni Yohaannis gara isaatti dhufanii yeroo isa gaafatanitti dubbatee ture «Nuti fi warri Fariisotaa yeroo baay'ee ni tsoomna, Duuka Bu'oonni kee garuu maalif hin tsooman? jedhaniin Iyyesuusis akkas jedheen, warri Miizee hanga Misirroon isaan waliin jirutti ni gadduu? garuu yeroon Misirroon isaan irraa adda bahu ni dhufa yeroo sana ni Tsoomu!» Maat. 9:15-16.
Tsoomiin Waxabajjii kun Tsoomii Lubootaa qofaadhaa?
Gaaffiin kun namoota hedduu biraa kan ka'udha, namoonni baay'een Tsoomiin Duuka Bu'ootaa Tsoomii Lubootaa qofaa itti fakkaata garuu Tsoomiin kun Tsoomiiwwan labsii torban keessaa isa tokkodha, Qulqulloonni Duuka Bu'oonni Gooftaa keenya fakkeenya taasifatanii kan tsooman nutis isaan fakkeenya taasifannee Tsoomii tsoomuu qabnudha. Har'a garuu namoonni hedduun Tsoomii kana tsoomuu dhiisanii Luboota qofaatu tsooma jechuun tsoomaa hin jiran. Garuu wantoota akkasii irraa of eeggachuun Tsoomii kana tsoomuu qabna.
Nuti Tsoomii kana kan tsoomnu eebba Duuka Bu'ootaa uffachuuf, Addunyaa isaan injifatan akka injifannuuf Waaqayyo uumaa keenya kadhachuuf waan ta'eef Tsoomii kana haa tsoomnu, Tsoomiin kun Kiristaanota hundaaf kan kenname dha malee Lubootaaf qofaa miti. Tsoomiin Lubootaaf Amantootaaf jedhamee qoodamee Tsoomamu hin jiru.
Akkamitti fi maal irraa haa Tsoomnu?
Hiikni Afuurawaa Tsoomii kan Waaqayyo ittiin kadhatan, meeshaa hidhaa cubbuu irraa adda ittiin bahan waan ta'eef waqtii tsoomaatti nyaata humna Afuurawaatiin faallaa ta'aan fi dhugaatii Alkoolii garaa garaa, nyaata foonii fi dhadhaa, Aannan fi Hanqaaquu irraa fagaachuun barbaachisaa akka ta'e ajajameera.
Abbaa manaa fi haati manaa waliin hin bulan 1 Qor. 6:5.
Foon keenya Tsoomiin dhadhabsiisuuf nyaata dibata garaa garaa qaban irraa of dhorkuun barbaachisaadha. Kunis ragaa Kitaaba Qulqulluu qaba fakkeenyaaf Faaruu Daawwit 108:24 irratti «Humni koo Tsoomii dhaan dhadhabe, foon koos dhadhaa dhabuudhaan ni huuqqate» jedheera. Ijoolleen sadan fi Raajichi Daani'eel nyaata Mana Mootummaa, Foonii fi nyaata kadhannaa dhiisanii akaayii fi bishaaniin turuu isaanii barreeffamee jira. Dan. 1:8-21, 10:2. Wanti guddaan Tsoomii dha malee nyaanni gara Waaqayyootti nu hin dhiyeessu, yoo nyaannes wanti buufannu, yoo dhiisnes wanti miidhamnu hin jiru 1 Qor. 8:8. Addaam irraa jalqabee nyaanni yeroo nama kuffisu malee yeroo nama kaasu hin argine waan ta'eef Tsoomii cubbuu irraa ittiin fagaachuun, ofii kan yaadne warreen hin qabneef kennuun, Tsoomiin kadhannaa waliin yoo ta'u kennaa akka Duuka Bu'ootaa kennisiisa waan ta'eef kadhannaa mn cimuun sagadaanis gara Waaqayyootti laphee qulqulluun deebi'uun tsoomuu qabna.
Faayidaa Tsoomii
Qulqulluun Efireem «Tsoomiin galaa lubbuu, ayyaanadhas!» jechuun dubbateera, Tsoomiin lubbuu sooressa taasisa. Sammuu qulqulluu taasisuu isaatiin dabalataattis diina irratti afuura cimaa taasisa, Tsoomiin naamusa gaarii akka horannu kan taasisu jireenya Afuurawaati. Kunis qulqullummaa, obsa, gammachuu fi k.k.f dabalataani Mana Qulqullummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan ta'e qaamota kanneen qulqullummaadhaaf, isaaf akka bitamu akka taasisnu nu gargaara.
Tsoomiin gara Waaqayyootti akka deebinu nu taasisa. Iyyuel. 2:12. «Ammas jedha Waaqayyo, lubbuu keessan irraa Tsoomii dhaan, boo'ichaan fi iyyaan gara kootti deebi'aa gara Waaqayyootti kan itti deebinu kaka'umsa laphee dhugaa nuuf taasisa. Raajichi guddichi Isaayyaas cubbuu isaa irraa gaabbee Tsoomiin inni tsoome cubbuu isaaf dhiifama qofaa osoo hin taane kabaja Waaqayyoos ilaaluu isa dandeessiseera. Isa. 6:1
Walumaa galatti Tsoomiin bu'uura jireenya Afuurawaa keenyaati, jalqaba tajaajilaa fi qulqullummaa keenyaa ta'uu qaba.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
0 Comments