Subscribe To Our YouTube Channel

Qorannoo Ministeera Barnootaatiin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif Dhiyaate fi Furmaata Ka'aame | Qubee Media

Qorannoo Ministeera Barnootaa rakkoowwan Seektara Barnootaa irra jiraniif Furmaata isaanii waliin 


«Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa osoo hin fudhatiin gara kutaa 11ffaatti darbaniif barnoonni fooyya'iinsaa adda ta'e kennamuufii qaba, yoo kana hin taane garuu kufuun itti fufa!» - Ministeera Barnootaa 


Ministeerri Barnootaa baay'inni barattoota gara Yuunivarsiitiitti seenanii yeroodhaa yerootti garmalee hir'achaa dhufuu isaatiin wal qabatee hanga qorannoo taasise jedheenii fi Mana Maree Bakka Bu'oota Uumataatiif dhiyeesseen rakkoowwan gosa garaa garaa hedduun argamuu isaanii ibsaniiru.

Riifoormiin seektara barnootaa erga taasifame booda Manneen Barnootaa hanga barsiisuu danda'aanii ol barattoota ni barsiisu kan jedhe yoo ta'u kana dura qormaanni kutaa 10ffaa irratti kennamaa ture hafuu isaatiin osoo hin qoromiin kutaa 11ffaa seenuun isaanii rakkoo kanaaf sababa guddaa caqafamu ta'uu ibsaniiru.

Qormaata Moodelaa Manneen Barnootaatti kennamu fi qormaata biyyaalessaa Ministeera Barnootaatiin kennamu gidduus garaa garummaan guddaan akka jiru ibsameera.

     «Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa gidduu parsantii darbuu yeroo ilaallu garaa garummaan jira» kan jedhe Ministeerri Barnootaa «Barattoonni Saayinsii Uumamaa qabxii fooyya'aa fiduun gara Dhaabbilee Barnoota olaanootti ni seenu, ta'us garuu gahaa miti, wantoonni hedduun fooyya'uu akka qaban qorannoon kuni nutti agarsiiseera.» jedhaniiru.

Qorannoon kun rakkoo seektara Barnootaa akkamiiti kufaatii hamma kanaa kan nutti fide, kufuu barattootaa fi darbuu waliin wal qabatee amalli barumsichaa naalidha kan jedhu fi walumaa galatti seektara Barnootaa irratti rakkoowwan mudatan kan qabatedha.

Rakkoowwan seektara barnootaa hunda irra jiran kan agarsiise qorannoon kun dhuma irrattis yaadota furmaata ta'an dhiyeesseera.

Ministeerri Barnootaa yaada furmaataa maal dhiyeesse?


       «Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa osoo hin fudhatiin gara kutaa 11ffaatti darbaniif barnoonni fooyya'iinsaa adda ta'e kennamuufii qaba, yoo kana hin taane garuu kufuun itti fufa! sababni isaa beekumsa fi dandeettii hanga barbaadamu qabatanii hin ba'aan»

Baadiyyaatti keessattuu naannoowwan horsiisee bulaatti misoomni seektara Barnootaa irra jiru xiqqaa ta'uu isaa waliin wal qabatee garmalee duubatti hafaa waan jiruuf fooyya'iinsi hojjetamuu qaba.

Kan biraa ammoo aanga'oota Barnootaa, barsiisota fi ijaarsa dandeettii waliin wal qabatee dhimmoonni jiran dhimmoota bu'aa fidan qofaa irratti xiyyeeffannoon taasifamee aanga'oonni barumsaa hanga hin deeggarretti rakkoowwan kunneen itti fufu.

Barsiisotaaf daballii mindaa qofaa osoo hin taane barsiisota kan hammatu sagantaan «insensitive package» hanga hin dhufnetti rakkoowwan itti fufu.

Dabalataanis qoqqoodiinsa qabeenyaa irratti hanqinni waan jiruuf misooma seektara Barnootaa irratti qormaanni jiraachuu agarsiisa, kunis furamuu qaba» jechuun yaada furmaata jedhe dhiyeesseera.

Ministeerri Barnootaa yeroo qorannoo kana dhiyeessetti Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaada fi gaaffilee garaa garaa dhiyeessaniiru.

Qorannoo kana irratti yaadonni furmaataa dhiyaachuun isaanii gaarii ta'ee osoo jiruu asumatti haasa'aamanii lafa irratti osoo hin bu'iin yoo hafan hiika hin qaban. Kanaanis hundumtuu xiyyeeffannoo kenneefii ilaaluu akka qabu Bakka Bu'oonni ibsaniiru.

Deeggarsi barattoota kutaa 1ffaa hanga 8ffaa tiif taasifamu gadi bu'aadha, kunis bu'aa dhabuu yeroo ammaa mudateef gahee guddaa fudhata, qorannoo kana irratti hoo kunu maalif osoo hin hammatamiin hafe, sababni isaas bu'uurri Barnootaa kutaa gadi aanaa irraa eegaleetu waan ta'eef gaaffileen jedhan ka'aaniiru.

Barattoonni garaa garaa karaalee seeraan alaa gara biyyoota adda addaatti godaanaa jiru, barattoonni kuni yeroo ta'u tasgabba'aanii barachuu danda'aa hin jiran, Ministeerri Barnootaa xiyyeeffannoo kennuufii qaba jedhameera.

Odeeffannoo haaraa waa'ee Barnootaa fi kanneen biroo akkuma gadhiifameen argachuuf page keenya Facebook fi Channel keenya Telegram QUBEE MEDIA join taasisaa!

Post a Comment

3 Comments

  1. Waa'een especial diploma warraa exit exam kufeehoo hangam dhugaadhaa?

    ReplyDelete
    Replies
    1. Waaeen especial diploma warraa exit exam kufeehoo hangam dhugaadhaa???????

      Delete
  2. Kuni soba hundi yaada kanaatuu .burjaajii ministersa banootaatiitu barsiisaafi barataa dhamaasee.
    Tatiiba dhabee barataafi barsiisaa komatu.kani nutibarnoota xumurree kitaaba gulaalaa jirru hirriibaakahe achikessaa hin qoramtan achikessaa qoramtan jedhee yaada qayyaraa ofiidhamaheeti ministeerri barnootaa barataafi barsiisaa komataa.biraanuu shintibeetiifi mana harawqeetti ramadaa.kanbiraa bakka nuufbúusaa barataa madaalaa.

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)