Subscribe To Our YouTube Channel

Dhagaa Gurraacha : Seenessa Ajaa'ibaa warra Siwiizarlaand

Dhagaa Gurraacha : Seenessa warra Siwiizarlaand


Wanta bashannansiisaa fi gabaabaa barumsa guddaa qabu Dhagaa Gurraacha jedhu kana hanga dhumaatti dubbisaa! yoo fedha keessan ta'es hiriyoota keessan jallattaniif qoodaa! Dubbisa gaarii!

Amala qarshii hanga isaanii kan beeku hin jiru kan jedhamuuf Siwiizarlaandonni akkasitti seenessu.

Daldalaa tokkotu ture. Innis intala bareedduu qaba ture. Daldalaan kunis namicha qarshii Araaxaadhaan liqeessu irraa qarshii qalqalloo guutuu liqeeffatee buufachuu dhadhabee ykn bu'aa dhabee ni kasaare. Daldalaan kunis yeroon itti qarshii inni namicha Araaxaadhaan liqeessu irraa liqeeffatee ture itti deebisu ni gahe. Walii galteen liqii sanaas kan inni dubbatu namichi qarshii liqeeffate sun yoo qarshii sana yeroodhaan hin deebisne gara hidhaa umurii guutuutti akka seenudha. Guyyaan itti qarshii liqeeffatanii ture itti deebisan yeroo gahuttis daldalaan suniifi intalli isaa ni nahaan. Guyyaan kun gahuu isaatiinis Daldalaan sun fi intalli isaa garmalee rifatan. Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis jaarsa umurii waggaa 80 kan ta'ee fi amalli isaa ammoo badaa fi bifti isaas fokkisaa ture. Naannoo sanattis namni isa jaallatu tokkoyyuu hin jiru ture. Ta'us garuu daldaltoonni naannoo sanaa qarshii yeroo barbaadan namicha jaarsa amala badaa sanaan ala kan qarshii isaaniif liqeessu waan hin jirreef osoo hin jaallatiin isarraa liqeeffatu ture. Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis tooftaa ittiin namicha daldalaa qarshii irraa liqeeffatee deebisuu dhadhabe sana hidhaa irraa itti oolchu tooftaa tokko dhiyeesse. Innis akkas kan jedhu ture «Intalli daldalaa kanaa anattii heerumuuf yoo barbaadde, Abbaan ishee ykn daldalaan sun mana hidhaa seenuu irraa ni oola, yoo kanaan alaa garuu Abbaan ishee umurii isaa guutuu mana hidhaatti dabarsa».


Yeroo kanas daldalichi fi intalli isaa garmalee rifatan. Lamaan isaaniiyyuu filannoodhaaf baay'ee rakkisoodha. Isa tokkoon inni tokko, isa kan biraatiinis inni kan biraa aarsaa ni ta'u. Aarsaan isa tokkoo ammoo hunda isaayyuu ni wareega. Maal haa godhamuree? filannoo du'a lama gidduutti taasifamu. Dhiphachuu isaanii kan arge namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis yaada filannoo lammaffaa dhiyeesse, akkasis jedhe «Okkotee kana keessa dhagaawwan lama Laga keessaa fidee nan ka'a. Adii fi Gurraacha. Intalli kees Galaana ykn Bishaan kana keessa dhaabbattee, ija ishee dunuunfattee harka ishee gara okkotee kanaatti ni galchiti. Isheenis harka ishee okkotee kana keessa galchitee yoo dhagaa isa Adii baaste anatti hin heerumtu, atis hin hidhamtu. Yoo dhagaa isa Gurraacha baaste garuu anatti heerumti, ati ammoo hin hidhamtu!» jedheen. Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis tooftaa kana kan fideef ykn yaada kana kan dhiyeesseef intalli sun Galaana sana sodaattee yaada inni isheef dhiyeessee ture ykn gaaffii ishee fuudhuu inni dhiyeessee ture akka fudhattuuf yaadee ture. Abbaan intala sanaa garmalee dhiphate. Intalli isaa garuu waa'ee rakkoo sanaa qofa yaaduun faayidaa ykn bu'aa akka hin qabne hubatte. Rakkoo sana hubattee furmaata isaa yaaduu filatte.

«Bara jireenyaa ykn umurii ati qabdu keessaa ykn yeroo kee keessaa parsantii 20 ykn 20% rakkoo sana hubachuuf, parsantii 80 ykn 80% ammoo furmaata isaa barbaaduuf ykn furmaata rakkoo si mudate sanaa barbaaduuf hojiirra oolchi!» jedhama waan ta'eef ykn akkuma jedhamu, erga kufaniin booda ka'uudhaaf yaaluudha malee achumatti gaangalachuuf faayidaa hin qabu inumaayyuu ququnca'uuf nu saaxila. Ilkaan ciniinnatanii madaa ofii yaalchifachuu ykn yaaluudha malee madaa ofii qabatanii boo'uun madaa sana nuuf hin fayyisu. Intalli sunis yaada namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu dhiyeesse sanaan walii galte, Abbaan ishee garuu gaddaan lapheen isaa ni cabe. Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis «Deemsa haala kanaa irratti gaaffii kamiyyuu dhiyeessuun hin danda'aamu, kanas Abbootii murtii ykn Daanyota fuulduratti ni taasifna!» jedheen. Intalli sunis dubbicha erga itti yaadde booda tole jettee fudhatte. Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis walii galuu intala sanaa yeroo argu ni gammade. Namoonni naannoo sanaa hedduunis wanta kana ilaaluuf iddoo sanatti walitti qabaman. Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis uummata irraa adda ba'ee gara qarqara Galaana sanaatti deemee dhagaawwan barbaaduu jalqabe. Intalli sunis akka inni ishee irratti hin beeknetti haala isaa isa hordofti ture. Innis osuma beekuu dhagaawwan Gurraacha lama fuudhee okkotee sana keessa yeroo kaa'u intalli sun isa argite. Yeroo kanattis dubbichi garmalee wal xaxaa ta'e. Waa'ee haala sanaa ammoo komii dhiyeessuunis ta'e gaaffii gaafachuun hin danda'aamu. Intalli kunis hoggasuma gara furmaata rakkoo kanaa yaaduutti ceete «Rakkoo irra turuun gara dukkanaatti nama geessa, furmaata irratti rarra'uun ammoo gara galma ifaatti nama geessa!» jedhama waan ta'eef. 


Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis Abbaa fi intala gara Galaana sanaatti isaan waame. Iji intala sanaas ni hidhame, harka ishees gara okkotee sana keessatti galchite. Uummanni hedduun naannoo sana turanis wanta itti aanee uumamu hordofuu jalqaban. Intalli sunis harka ishee gara okkotee sanaatti galchitee turte baastee akka waan ishee harkaa ba'ee fakkeessitee dhagaa bishaan keessaa ba'e sana Galaana keessatti gatte. Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis wanta kana yeroo argetti ni nahe. Intalli sunis «Hin nahiin! okkotee kana keessa dhagaa Adii tokkoofi fi dhagaa Gurraacha tokko mitii kan keesse?» jetteen, innis hojiin inni hojjete akka irratti hin beekamneef «Eeyyeen, akkuma waadaa waliif galletti dhagaa Adii tokkoofi fi dhagaa Gurraacha tokko dha okkotee kana keessa kanan kaa'e» jedheen. «Yoo akkas ta'e dubbichi salphaadha! dhagaan Okkotee kana keessatti hafe haa ilaalamu, dhagaan Okkotee kana keessatti hafe yoo Adii ta'e, dhagaan ani baasee ture Gurraacha jechuudha, yoo okkotee kana keessatti kan hafe dhagaa Gurraacha ta'e ammoo kanan ani baase dhagaa Adiidha ture jechuudha» jetteen.

Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis akka irratti beekameefi akka injifatame isaaf gale. Abbootiin Murtii ykn Daanyonni achi turanis «Kan intalittiin jette sirriidha!» jedhanii gara Okkotee sanaatti harka isaanii galchanii dhagaa Gurraacha baasan. Bu'uuruma kanaanis dhagaan dura ba'ee ture dhagaa Adii ta'uu dubbatan. Namichi qarshii Araaxaadhaan liqeessu sunis wantoota lamaaniyyuu ni kasaare :- qarshii isaas, intala inni hawwee tures.


Rakkoon kamiyyuu furmaata qaba. Rakkoon kophaa isaa qofa uumame hin jiru jedhama. Inumaayyuu rakkoon tokko of jalatti ykn jala isaatti furmaatota kudhanii ol dhoksee qabateera wanti jedhamus jira. Rakkoo si mudate ykn rakkoo sana irratti hin aariin!, hin gaddiin! miira kee to'adhu! ta'uun isarra hin turre jettee hin gaabbiin! furmaata isaatiif ka'i! naannawaa kee ilaali! qaawwaawwan isaa ilaali! rakkoo sana sirriitti hubadhu! sana booda furmaata isaa fuduuf ykn argachuuf ciniinsifadhu. Qoraa kee hunda, qormaata kee hundas gonka taasistee isaan hin lakkaa'iin! qoraanis qaawwa ykn hanqina, qormaannis mudoo qaba, balbaloonni cufamoo fakkaatan hundi iddoo banamaa qabu, gamoowwan duudaa fakkaatan hundi uraa ykn qaawwaa qabu, Lageen kan guutan fakkaatan hundi iddoo itti hirdhatan qabu, ati qofti furmaata isaa yaaduu irraa adda hin kutiin!. Dhagaa Gurraachi qofti yoo siif dhiyaate, ati Ogummaa keetiin Adii taasisi!

Waan dubbistaniif Galatoomaa!

Blog keenya kun wantoota bashannansiisoo garaa garaa irratti kan xiyyeeffatu fi Afaan Oromootiin tajaajila kan kennu waan ta'eef hordofaa isin fayyada!

Post a Comment

0 Comments